Thu. May 26th, 2022

Seenaa Abishee Garbaa

Abishee Garbaa abbaa duulaa (mootii jechuunis ni danda’ama) ummata Oromoo naannoo Horroo jiraachaa turee yoo ta’u goota beekkamaadha. Abbaan Abiishee Garbaa Hurruubaa yoo ta’u haatisaa ammoo Dagattee jedhamti. Aadde Dagatte daldaltuu beekkamtuu yoo taatuu abbaansaa ammoo abbaa duulaati.

Abiishee Garbaa ilma abbaa duulaa Odaa Bulluq kan naannoo Horroo kan ture kan Garbaa Hurruubaati. Garbaa Hurruuba sirna Gadaatin Odaa Bulluqiin filatamee akka abbaa duulaatti bara 1850-54tti tajaajilaa ture. Waggaa afur akkuma tajaajileen Garbaan ni du’e. Abishee Garbaa kanatti fayyadamuun abbaa duulummaa abbaasaa kan waggaa afur hafe kana qabachuuf gaaffii dhiyeesse. Kunimmoo sirna Gadaa keessatti fudhatama kan hin qabne waan ta’eef mormiin isa mudate; garuu deeggartoota muraasaa keessattu dargaggoota ni qaba ture. Boodarra Abisheen abbaa duulummaa abbaasaa kana humnumaan dhaalee abbaa duulaa ta’e.  Kunis bara 1855tti. Waggaan arfan hafan xumuramanis Abisheen aangoo akka sirna Gadaatti hin gadhiifne, ittuma fufee warra kaan amansiisun warra kaan ammoo doorsisuun akka aangoosaa fudhatan godhe. Naannoo Horrootti weerarri Goojjam yeroo yeroon kan dhufu waan tureef Abishen ammo kana sirriitti faccisaa waan tureef namoota birattis fudhatama argate. Abiisheen lolee naannoo kuma kudha shan ta’u qaba ture.

Goojjamoonni Abiishee waraanaan injifachuu waan dadhabaniif, tooftadhaan qabuuf shira xaxan. Haala kanaan, waliigaltee nagaa si wajjin uumuu barbaadna jechuudhan ergaa karaa nama Qadiidaa Wannabee jedhamuu dhaamsa itti ergan. Karaadhuma Qadiidaas kennaa beennacha fardaa warqiirraa hojjatame erganiifi. Akkaataa kanaan Abiisheen Raas Darasuu wajjin walitti dhufee akka mari’atu haala mijeessan. Akka seera Oromoottis walii kakachuudhan wadaa nageenyaa kana Abiishee fi Goojjamoonni xumuran. Kakuun kan dhugaa akka hin taane abbotin duulaa Oromoo akka Dabalaa Gannaa fi Dagaa Hooroo jedhaman itti himanillee Abiisheen isaan hin dhageenye. 

Haala kanaan waliigaltee erga uumanii booda, Goojjamoonni Laga Mormor ce’anii odoo Abiishen hin beekin daangaa Guduruu fi Horro gidduu jiru qaxxaamuranii loltusaanii Goodaa Kokor kan teessuma Abiishee Dooyyorraa 20km fagaatu qubachiisan. Abiishen erga kana dhaga’ee booda loltuusaa kan lakkoofsan kuma afur ta’an qabatee gara Goodaa Kokor deeme. Waliigalteen duraan waan qabaniif Abiishen waraanaf hin deemne. Erga achi ga’ee booda akka seera Oromootti bakara qabatanii man ol seenun safuu waan ta’eef Abiishen meeshaasaa ala ka’ee gara dunkaana Goojjamootaa mariif ol seene. Gojjamoonnis duskaana keessatti Abiishee qabanii gaadi’ani. Qabamuusaa kan ibsuufis dibbee yeroo rukutan loltoonni Abiishee waan raawwatame barani. Loltoonni Abiishes waraana jalqabani warra Goojjamootaa rukutuu jalqaban. Garuu jarri duraan qophaa’anii waan turaniif loltoota Abiishe ni injifatani. Lola kanarratti abbaaduulaa Dabaloo Gannaa dabalatee loltoonni baayyen du’ani, obboleessa Abiisheemmoo qaamnisaa irraa murame. Duulli kun Duula Goodaa Kokor jedhamee beekkama.

Duula Goodaa Kokor kan Gurraandhala 13, 1877 Abiishee fi Raas Darasuu Abbaa Xooboo gidduutti godhamee (Abiishen odoo hin beekin waan gaadi’ameef kana jechuun nama rakkisa) kanaan loltuun Abishee injifatame. Abiisheen erga gaadi’amee booda deemuu waan dideef akka qotiyyootti harqota itti godhanii harkisanii gara Goojjam geessan. Abiishenis gowwoomfamuusaa erga baree booda aaridhaan quba harkasaa tokko alaanfatee fixe jedhama. Erga Goojjam geessanii booda niitin mootichaa goota loltusaanii yeroo baayyee injifate kana arguuf fida jettee fidchisiifte. Abiisheen ergarama beelaa fi darararran kan ka’e fokkisaa ta’ee argame jedhama. Niitin mootichas godummaasaa kanaan arrabsite. Kanaafis dubartoonni Horroo yeroo mammaakan:

”Kan goduma keerra kan gowwumaa ke siin jette niitin Adaal Tasammaa”

San booda, Abiishen iddoo Jabalaa fi Maxaraa jedhamutti hidhame. Achitti, Goojjamoonni Abiishee mormaa gadi jiraa awwaalanii mataasaarratti soogida firfirsan. Itti aansanii, fardeen erga itti gadilakkisani; akkaataa suukaneessaa kanaan Abiishen qorqamee du’e, reefisaas bataskaana Dabra Maarqos keessa jirutti awwaallame. Kana dhoksuuf jecha garuu gifiraan akka du’etti odeessisiisaa turani.

Abiishen erga du’ee booda Goojjamoonni aangoo obboleessa Abiishee Fandalalaa Garbaatti kennani. Fandalalaan gumaa Abiishee deebisuu waan dideef, ummanni akkas jedhee ittiin geerare:

Fandee faandiyyaa Garbaa

Gumaa mootichaa hin baafnee

Siree mootichaa yaabdee

Fudhatamni Fandalalaan uumata biratti qabu xiqqaa ture. Mootummaan Horroos odoo hin turin bakka adda addaatti qooddamuun warra Goojjamootaf amanamoo ta’aniif kenname, Fandalaan Gubayyaa qofa akka bulchu godhame. Yeroo Minilikii fi Goojjamoonni Waraana Imbaaboo geggeessan, Fandalalaan gara Goojjamootaa goree lolaa ture. Kanaafis, waraanni Minilik bara 1881tti Horroon rukutee ture.

Reeffa Abiishee Horrotti deebisuuf yaalin adda addaa godhamaa turullee hanga ammaatti hin milkoofne. Yeroo Xaaliyaanin biyya kana qabatte ilmi Abiishee Fiitaawurari Amanuun reeffa abbaasaa deebisuuf yaalii godhaa turus hin milkoofne.  Bara 1950n keessa akaakayyuun Abiishee Fitaawuraarii Oljirraa yaalaa ture.

Siidaan gooticha Abishee Garbaa fi proojektiilee misoomaa maqaa isaatiin moggaafaman Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti ijaaramuuf ka qophiitti jiramu tahuu Bulchaan Godinichaa Obbo Jabaa Addunyaa, VOAtti himanii jiran.

Wabii

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College.

Leave a Reply

%d bloggers like this: