Thu. May 26th, 2022

Dr Dabratsiyoon naannolee Raayyaa fi Shireen too’annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa jala oolu mirkaneessan

Pirezdaantii Naannoo Tigraay Dr Dabratsiyoon G/Mikaa’el ibsa har’a kennaniin Raayyaa fi Shireen too’annoo Raayyaa Ittisa Biyyaa jala oolu mirkaneessan.

Dr Dabratsiyoon ibsa kanaan “qabsoon godhamaa jiru itti fufa, waraana keessa jirra” jechuun ummatni naannichaa hundu waraana kana keessa akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru

Guyyaa lama dura haleellaa xiyyaaraa kan keessummeessite magaalaan Maqalee kaleessa fi har’a haala tasgabbaa’een akka oolte ‘DW Amharic’ gabaaseera. Baankii dhuunfaa fi kan mootummaa hundu banaa ta’aniiru.

Hanqina boba’aa waan uumameef sochiin konkolaattota hir’achaa akka jiru kan hime gaazexeessaan ‘DW Amharic’ tajaajila bilbilaa fi intarneetii ammas cufaa akka ta’an gabaaseera.

Maddi: Dw Amharic

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College.

Leave a Reply

%d bloggers like this: