Thu. May 26th, 2022

Dr Dabratsiyoon gara Sudaan Kibbaa godaanan jedhamu isaani haalan

Dura taa’aa ABUT Dr Dabratsiyoon G/Mikaa’el waraana gaggeeffamaa tureen erga magaala Maqalee gadhiisani booda “gara Sudaan Kibbaatti godaanan” jedhame oduun odeeffamaa jiru soba jechu isaani ‘Routers’ gabaaseera.

Dr Dabratsiyoon, “Naannoo Tigraay keessa hin baane, ammallee naannoo Maqaleetti humnoota mootummaa waliin waraanarra jirra” jechuun himaniiru.

Dubbii himtuun Mummichi Ministira kan taate Billanee Siyyuum dhimma haasaa Dr Dabratsiyoon ilaalchisee wayita gaafataman, “Mootummaan Federaalaa hojii naannoolee sababa waraanichaan miidhaman tasgabbeessutti jira, haasaa yakkamaa bittinaa’e jiruuf deebii kennuun dhimma keenya miti” jedhaniiru.

Maddi: Routers

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College.

Leave a Reply

%d bloggers like this: