Thu. May 26th, 2022

Balaay_Zallaqaa

_
Hiddi dhaloota isaa nama Oromoo Booranaa Walloo yoo ta’u, abbootiin isaa yeroo booda gara Goojjam darbanii qubatan. Maqaan abbootii isaa of-duubatti yoo lakkaawamu akka kanatti aanu ta’a:- Balaay,Zallaqaa,Laaqaw,Agee,Galgaluu,Qilxuu jedhama. Haati isaa Xaayituu Assinee jedhamti. Bakki dhaloota isaa Walloo,Boorana iddoo Caaqataa jedhu ganda Jirruu Guxaa jedhama. Balaay Bara 1904 dhalate.

Mootummaa Hayilasillaasee mormee bosona waan seeneef, Loltootni mootummaa itti duulanii qaban. Finfinnee geeffamee hidhaan umurii guutuu itti murtaa’e.

Garuu, mana hidhaa cabsee gara Goojjam osoo deemuutti jiruu, qabamee Finfinneetti erga deebifamee booda du’aan akka adabamu sirni Mootummaa Hayilasillaasee itti murteesse.
Dhalatee waggaa 35tti Amajjii 5/ bara 1937 Obboleeyyan isaa lamaan wajjin Fannisanii ajjeesan.

Credit: Fuula Feesbuukii Hoggansa Paartii Badhaadhinaati

By Chala Dandessa

Name: Chala Dandessa. I was born in West Shewa Zone, Chobi District of Oromia Region, Ethiopia in 1989. Currently I am Lecturer at Jimma Teachers College.

Leave a Reply

%d bloggers like this: